Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti dhaabbilee daldalaa 1 fi 886 daballii gatii hin mallee taasisaan irratti tarkaanfii fudhatame

Finfinnee, Hagayya 22, 2013(FBC)- Magaalaa Finfinneetti dhaabbilee Daldalaa kuma 1 fi 886 daballii gatii taasisaan irratti tarkaanfiin fudhatamu Biiroon Daldalaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Biiriichi haala waqtaawaa daldalaa fi daballii seeran alaa irratti ibsa laateera.

Haaluma kanaanis dhaabbilee Daldalaa shira dinagdee uumuun dabaalliin gatii akka olkaa’uuf hojjetaan irratti tarkaanfii fudhachuu beeksiseera.

Dhaabbilee daldalaa kuma 1 fi 886 tarkaanfiin irratti fudhatame keessaa eeyyamni dhaabbilee daldalaa 657 haqamuun himameera.

Akkasumas to’annoo magaalichaa keessatti taasifamaa jiruun mana kuusaa 369 sakata’insaa keessa mana kuusaa 20 oomishaaleen seera malee kuufamani waan argamaaniif Samsamuus Biirichi beeksiseera.DHP

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.