Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti Raabsitoota olola sobaan gatii Ashaboo dabalanirratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Hagayya 13, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Raabsitoota Ashaboo kallaattiin dhiyeessan seeraan ala gatii dabalan 3 irratti tarkaanfiin fudhatame.
Qaamolee odeeffannoo sobaa hojii daldalaarratti tamsaasanirratti tarkaanfii fudhachaa jiraachuu Biiroon Daldalaa Magaalaa Finfinnee beeksiise.
Haala waqtaawaa biyyaalessaa fayyadamuun Raabsitoota Ashaboo daballii gatii hin malle taasiisan 3 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Itti aanaa Hogganaan Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee obbo Masfin Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif himaniiru.
Eeyyamni daldalaa haqamuu fi dhaabbanni daldalaa saamsamuun dhimmi isaanii Mana murtiin ilaallamaa jiraachuu dubbataniiru.
Ayyaanota waggaa dhufan bu’uura taasiisuun meeshaaleen bu’uuraa gama Shamattootaan dhiyaachaa jiraachuu ibsaniiru.
Bu’aalee oomisha loonii kallattiin dhiyeessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Baatii Adooleessa eegalee dhaabbilee daldalaa haala waqtaawaa fayyadamuun daballii gatii taasiisaan 600 ol Eeyyamni daldalaa isaanii haqamuu ibsaniiru.
Eeyyamni dhaabbilee 156 ammoo dhorkamuu himaniiru.
Dhaabbileen daldalaa 67 adabbii hidhaa fi maallaqaan akka adabaman taasiifamuu eeraniiru.
Sisaay Geetinnatiitu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.