Fana: At a Speed of Life!

Manneen murtii haqa qabeessa, bilisaa fi walaba ta’uun tajaajila akka kennan qophiin taasifameera jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2016 (FBC)- Manneen Murtii Federaalaa haqa qabeessa bilisaa fi walaba ta’uun tajaajila akka kennan qophiin taasifamuu Pireezidaantiin Manneen Murtii Waliigalaa Federaalaa Tewoodiroos Mihirat ibsan.

Sagantaan jalqabsiisaa tajaajila Abbaa Seerummaa idilee Manneen Murtii Federaalaa gaggeeffameera.

Saganticharratti manneen murtii federaalaa Hagayya 1, 2015 hanga Fulbaana 30, 2016’tti gariin cufaa ta’anii turuun ibsameera.

Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Tewoodiros Mihireet, manneen murtii olaantummaan seeraa akka mirkanaa’uuf gahee olaanaa qabu jedhan.

Haaluma kanaan bara baajataa kanatti, manneen murtii federaalaa akkuma kanaan duraa tajaajilaa haqa qabeessaa, bilisaa fi walaba ta’ee hawaasaaf akka kennaniif qophiin taasifamuu ibsaniiru.

Kenniinsa tajaajilaa manneenmurtii ammayyeessuu fi ofii isaanii fooyyessuun hawaasa biratti amantaan qaban akka dabalu taasisuu irratti kan argamu ta’uu dubbataniiru.

Bara baajataa kanattis tajaajila teeknooloojiin deeggarame saffisaa fi qulqullina qabu kennuuf akka hojjetamu eeruu TOI gabaaseera.

Hojiilee jijjiiramaa manneen murtiitti hojiirra oolfamaa jiran qajeelfama abbaa seerummaa walabaa haala eegeen cimee akka itti fufu ibsaniiru.

Guyyaa har’aa manneen murtii ifatti hojii eegalanis Manneen Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa, Manneen Murtii Olaanaa Federaalaa fi Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.