Fana: At a Speed of Life!

Manni Barumsaa sadarkaa 2ffaa Laga Xaafoo Waajjira Giiftii Dureen ijaarrame eebbifame

Finfinnee, Adoolessa 30, 2014 (FBC) – Manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Daa’imman Dhibee Sammuu ‘Down Sydrome’ jedhamu qaban itti baratan Laga Xaafootti Waajjira Giiftii Dureen ijaarrame eebbifame.

Manni Barumsaa sadarkaa 2ffaa Faawundeeshinii Diibooraa Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Baatii Bitootessa, 2013 dhagaan bu’uuraa kaa’ame ijaarsi isaa xumuramuun eebbifamapeera.

Faawundeeshinii Diibooraa deeggaruun Daa’imman hedduu gargaaruu ta’uu Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon wayita mana barumsichaa eebbisiisan ibsaniiru.

Hawaasni hundi Faawundeeshinii Dibooraa cinaa dhaabbachuun daa’immaan dhibee sammuu qaban tumsuu akka qaban gaafataniiru.

Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Laga Xaafoo faawundeeshinii Dibooraa ijaarsiisan erga eebbisiisanii mooricha keessatti biqiltuu dhaabaniiru.

Manni barumsichaa Hospitaalaa, Iddoo turtii fi bashannanaa kan of keessatti hammate ta’uu ibsameera.

Manni barumsaa har’a eebbifamu kun hojiilee faawundeeshinichi hojjetu tumsuuf qooda olaanaa qabaachuu hundeessaan Faawundeeshinichaa Obbo Abbaa Duulaa Gammadaan dubbataniiru.

Iddoosaa Abdiitu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.