Fana: At a Speed of Life!

Manni jireenya seeraan ala qabame ture 201qaama midhamtoota, Manguddootaa fi namoota daandii cinaa bulaniif laatame

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2013 (FBC) – Itti Aantuu Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee kutaa magaalaa Addis Katamaatti qaama midhamtoota, Manguddootaa fi namoota daandii cinaa bulaniif mana jireenya seeraan ala qabame ture 201 dabarsanii kennan.
Aadde Adaanach ummaata hirmaachisuun olaantummaa seera mirkaneesuun imala badhaadhinaa eegale galmaan ni geenya jedhaniiru.
Hojiraawwachisaa Olaanaan kutaa magaalichaa obbo Yitaayal Dajanee kallattii manneen seeraan alaa qabamanii jiran fudhamanii namoota qaama midhamtootaafi maanguddoota dadhaboo ta’an haala jireenya gaddisiisaa keessa jiraatan mana akka argatan Bulchiinsi Magaalichaa qabate galmaan gahuuf hojii hojjeneen manneen 201har’a dabarsinee kenninuus gara fuula duraattis cimsinee itti fufna jedhaniiru.
Namooni manni kennameef dhabiinsa manatiin waggoota hedduuf gidira keessa turus xiyyeefannoo mootummaan nuu laateen bakka itti boqannu argachuu keenyaan jireenyi keenya abdii horateera jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.