Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa murtoo garagaraa dabarsuun walga’ii isa xumure

Finfinnee, Fulbaana 28, 2013 (FBC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI walga’ii idilee 1ffaa bara hojii 6ffaa murtoo garagaraa dabarsuun xumureera.
 
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’iisaa har’aatin ajandaawwan 6 irratti mari’ateera.
 
 
Preezdaant Saahilawarq Zawdeen Fulbaana 25, 2013 haasaa baaniinsaa walga’ii waloo bakka bu’oota ummaataa fi mana maree federeeshiniif taasisan ilaalchisuun yaada deeggarsaa dhiyaate dhaggeeffateera.
 
 
Manni marichaa yaada deeggarsaa dhiyaate erga dhaggeeffatee boodde haasaa preezdaanti Saahilawarqi kan fudhate yoo ta’u, yaadicharratti muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ibsaa fi deebii erga laatanii akka ragga’u murtaa’eera.
 
 
Itti dabaluun manni marichaa wixinee labsii seera daldalaa fi eksaayiz taaksii fooyyessuuf dhiyaate ilaaluun koree dhaabbii qamni ilaaluf sagalee guutuun qajeelcheera.
 
 
Wixinee labsii eksaayiz taaksii fooyyessuuf dhiyate ilaaluun Koree Dhaabbii Dhimmoota Faayinsii fi Baajataa Galiiwwaniif qajelcheera.
 
 
Dabalataan Riippabliika Demokratawa Federaalawaa Ityoophiyaa fi mootummaa Federeeshinii Raashiyaa gidduutti wixinee labsii humna nuukleeraa kaayyoo nagaaf oolchuuf waliigaltee galame irratti mari’achuun Koree Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaa fi Nageenyaaf qajeelcheera.
 
Wixinee labsii sirna seera yakkaa fi ragaa FDRI qorachuun koree dhaabbii qaamni ilaallatuuf qajeelcheera.
 
Wixineen labsii kun waggoota 13f kan ture seerri yakkaa fooyya’uun kan ba’e yoo ta’u, kewwata 400 ol kan haammate ta’uu manni marichaa ibseera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.