Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree magaalaa Finfinnee guyyaa boruu yaa’ii 8ffaa bara 1ffaa ni gaggeessa

Finfinnee, Onkololeessaa 9, 2013 (FBC) – Manni Maree magaalaa Finfinnee guyyaa boruu yaa’ii 8ffaa bara 1ffaa galma Mana Maree Federeeshiniitti kan gaggeessu ta’uu ibsame.
 
Yaa’ichi raawwii hojii kurmaan 1ffaa bara hojii 2013 bulchiinsa magaalichaa kan gamaaggamu ta’uu ibsameera.
 
Yaa’ii idilee galma Mana Maree Federeeshiniitti gaggeeffamu kanaan wixinee labsii garaagaraa dhiyaaturratti mari’achuun murtoo ni dabarsa jedhamee eeggama.
 
Dabalataan muudamoota garaagaraa itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee dhiyeessan kan mirkaneessu ta’uu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalicharraa argame ni agarsiisa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.