Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Naannoo Somaalee oolmaa isaa guyyaa 2ffaan muudamoota garaagaraa raggaasiise

Finfinnee, Onkololeessa 09, 2014 (FBC) – Manni Maree Naannoo Somaalee Yaa’ii jalqaa waggaa 1ffaa bara 6ffaa gaggeessaa jiruun muudamoota garaagaraa raggaasiseera.

Manni marichaa muudama Preezdaantiin naannichaa obbo Musxafee Mahaammad dhiyeessan raggaasiseera.

Haaluma kanaan:-

1.Mawuliid Gaasaw Preezdaantii Mana Murtii waliigalaa

2.Abdiikariim Ahimad Mahaammud itti aanaa Preezdaantii Mana Murtii waliigalaa

3.Obbo Abdullaahii Huseen Daayreektara olaanaa miidiyaa naannichaa

4.Obbo Ismaa’iil Ahimad Ooditara Muummee

5.Obbo Abdullaahii Adee Buraalee Itti aanaa  Ooditara Muummee

6. Obbo Abduwali Jamaa’ii Komishinara Komishinii Namuusaa fi farra malaamaltummaa naannichaa ta’uun muudamuu isaanii ragaan miidiyaa naannichaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii

https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.