Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa Yaa’ii Idilee gaggeessaa jira

Finfinnee, Hagayya 29, 2013 (FBC) – Manni Maree waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Nannoo Oromiyaa Yaa’ii Idilee 3ffaa magaalaa Finfinneetti gaggeessaa jira.

Preezdaantiin mana maree waliigalaa dhimmoota islaamummaa Naannoo Oromiyaa Shee Hajii Ibraahim Tufaa tokkummaan hawaasa Musliimaa guddinaa fi Nageenya biyyaatiif barbaachisaadha jedhan.

Barsiifatni amantichaa nageenya labsaa kan jedhan Shee Hajjii Ibraahim filannoo Majiliisaa naannichaa bara 2014 gaggeessuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu kaasaniiru.

Yaa’icharratti kan argaman Hogganaan Biiroo Bulchiinsa fi Nageenyaa Naannoo Oromiyaa obbo Jibril Mahaammad nageenyaa labsuu fi eeguu keessatti ga’een dhaabbilee amantaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Yaa’ichi borus kan itti fufu ta’uu OBN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.