Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa booru walga’ii ariifachiisaa 3ffaasaa ni gaggeessa

Finfinnee, Fulbaana 7, 2013 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI booru walga’ii ariifachiisaa 3ffaasaa ni gaggeessa.
 
Waajjirri mana marichaa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himetti, manni marichaa ajandaalee lamarratti mari’achuudhan murtee ni dabarsa.
 
Qabo yaa’ii walga’ii ariifachiisaa 2ffaa bara hojii 5ffaa qorachuudhan ni raggaasisa.
 
Gabaasa Ministeerri Fayyaa FDRI ittisa weerara vaayrasii koroonaa fi kallattiiwwan gara fuula duraarratti dhiyeessurratti mari’atee murtee ni dabarsaan eegama.
 
Dabalataan manni marichaa Wiixata Fulbaana 11,2013 walga’ii ariifachiisaa kan gaggeessu yoo ta’u, ajandaaleen marichaa garuu miidiyaadhaf hin ifoomne.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.