Fana: At a Speed of Life!

Manni murticha dhimma obbo Liddatuurratti beellama dabalataa poolisiin gaafate kuffise

Finfinnee, Hagayya 25, 2012 (FBC) – Manni Murtii aanaa magaalaa Bishooftuu dhimma obbo Liddatuurratti abbaan alangaa himata hanga banuutti yeroo dabalataa Poolisiin gaafate kuffiseera.

Obbo Liddatuu Ayyaalew Mana Murtii aanaa magaalaa Bishooftuuftuutti guyyaa ha’aa yeroo 4ffaaf dhiyaatera.

Obbo Liddatuun manni murtichaa haala fayyaa koo xiyyeeffannoo keessa galchuu qaba, dhukkuba onnee waan qabuuf dhibee Covid-19f saaxilamoo ta’uu mana murtiitti iyyataniiru.

Qorannoon naaf taasifamee hin beeku,haalli qabiinsa kiyyaa fayyaa koo giddugaleessa kan godhatee miti, fageenyi keenyaa eeggamaa hin jiru, mana fincaaniitii tokkotti namoota 50 ol taanee fayyadamaa jirra, haalli jiru fayyaa koof daraan na yaaddesseera jechuun mana murtii gaafataniiru.

Poolisiin hanga har’aatti qorannoon haaraan dhiyeesse hin jru,ragaan narratti dhiyaates hin jiru, wanti yakkamaa na taasisu hanga ammaatti hin dhiyaanne jechuun mana murtichaaf ibsaniiru.
Poolisiin qorannoo gaggeessaa ture xumuruu beksiseera.

Sanadoota walitti qabee fi qorannoo taasisaa ture xumuruun galmee abbaa alangaaf dabarsuu eereera.

Abbaan alangaa himata hanga banuttu guyyoota dabalataa 14 gaafateera.

Manni murti gaaffiin dhiyaate sirrii miti jechuun kuffiseera.

Manni murtichaa galmeen qorannoo poolisii cufamuu ibsuun Obbo Liddatuun iyyannoo mirga wabii akka dhiyeessan ajajeera.

Galmee cufamerratti otuu hin taane galmee biraan mirga wabii dhiyeeffachuun ni danda’ama jechuun galmee qorannoo Poolisii cufeera.

Taariik Addunyaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.