Fana: At a Speed of Life!

Manni murtichaa gaaffii mirga wabii obbo Jawaar fudhatama dhabsiise

Finfinnee, Hagayya 6,2012 (FBC) – Manni Murtii sadarkaa jalqabaa federalaa dhadhacha ramaddii Araadaan gaaffii mirga wabii obbo Jawaar Maahaammad fudhatama dhabsiise.
 
Manni Murtii sadarkaa jalqabaa federaalaa dhadhacha ramaddii Araadaa galma Liddataatti dhimma obbo Jawaara Mahaammad ilaaleera.
 
Obbo Jawaar beellama kaleessaan abukaatoo tokko waliin mana murtichaatti dhiyaateera.
 
Poolisiin galmee qorannoo dhimma obbo Jawaar xumuruu isaa beeksiseera.
 
Qorannoo jalqabaa Abbaan alangaa banerratti naaf yaa dhiyaatu jechuun gaafateera.
 
Abukaatoon obbo Jawaar gama isaan poolisiin qorannoo xumureera, ragaan poolisiin dhiyeesse mirga wabii kan hin dhorkine waan ta’eef mirgi wabii yaa eeggamuuf jechuun gaafateera.
 
Manni murticha obbo Jawaar yakka lubbuu balleessuun waan shakkamaniif mirgi wabii hin eeyyamamu jedheera.
 
Haaluma kanaan manni murticha mirga wabii gaafatame kuffisuun, galmeen gara mana galmeetti akka deebi’u ajajeera.
 
Taariik Addunyaatu gabaase.

deeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.