Fana: At a Speed of Life!

Manni murtii Abbaan Alangaa hanga Fulbaana 8, 2013tti himata akka banu ajaja kenne

Finfinnee, Qaammee 2, 2012(FBC)- Manni murtii obbo Jawaar Mahaammad dabalatee shakkamtoota hanga toora lakkoofsa 10ffaatti jiranirratti Abbaan Alangaa hanga Fulbaana 8, 2013tti himata akka banu ajaja kenne.
 
Manni murtii sadarka duraa federaalaa Araadaa obbo Jawaar Mahaammadii fi Baqqalaa Garbaa dabalatee shakkamtoota hanga toora lakkoofsa 10ffatti jiranirratti Abbaan Alangaa hanga Fulbaana 8, 2013tti himata akka banu ajaja kenne.
 
Manni murtichaa obbo Jawaar Mahaammadii fi Baqqalaa Garbaa dabalatee shakkamtoota hanga toora lakkoofsa 10ffaatti jiranirratti Abbaan Alangaa Qaammee 2 hanga Qaammee 5, 2012tti jecha ragoolee dhaga’aman garagalchee fudhatee hanga Fulbaana 8,2013tti himata akka banu ajajeera.
Dabalataan manni murtii shakkamtoota 11ffaa hanga 14ffaa jiranirratti ammoo guyyaa 5 keessatti himatni irratti akka banamu ajaja laateera.
Taariik Addunyaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.