Fana: At a Speed of Life!

Manni Murtii Yakkaa Idil Addunyaa ajajoota waraanaa Raashiyaarratti ajaja to’annoo baase

Finfinnee, Guraandhala 27, 2016 (FBC)- Manni Murtii Yakka Idil Addunyaa yakkoota waraanaa Yukireenitti raawwatamaniin walqabatee Ajajoonni Olaanoon Waraana Raashiyaa akka to’atamaniif ajaja baase.

Mannii murtichaas maqaa eeruun Leetanaal Koloneel Sargee Kobiilaash fi Ajajaa Humna Galaana biyyattii Adimiiraal Sookooloov ta’uun ibsameera.

Waraanaa Yukireeniin wal qabatee aanga’oota Raashiyaa irratti ajajni to’annoo mana murtichaan yoo ba’u kun kan 2ffaa yoo ta’u, ajajni jalqabaa kan bahe Pireezidantii Biyyattii Viilaadmiir Putiinii fi Qondaala Mirga Daa’immanii biyyattii irratti ta’uun kan yaadatamuudha.

Ajajni Ajajoota Waraanaa Raashiyaarratti ba’es waraanni isaan hogganan haleellaa bu’uraalee anniisaa Yukireen irratti raawwatameef itti gaafatamoo ta’uu ragaa argachuu beeksisuu BBC’n gabaaseera.

Yakki ajajanni kunneen raawwatan jedhamesa Onkololeessa bara faranjootaa darbee hanga Onkololeessa baranaatti ta’uu manni murtichaa eereera.

Haleellichaan namoonni nagaa miidhamuu fi qabeenyi manca’aniiru jechuun ajajoota waraanaa kanneen himachuun himameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.