Fana: At a Speed of Life!

Mariin dargaggootaa sadarkaa naannoo Oromiyaa Magaalaa finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Muddee 24, 2013 (FBC) –Mariin dargaggootaa sadarkaa naannoo Oromiyaa Magaalaa finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Marii Galma Giddugala Aadaa Oromootti gaggeeffamaa jiru kanarratti, dargaggoonni 300 ol naannoo Oromiyaa irraa walitti baba’an hirmaachaa jiru.
Waltajjichi mata duree “ Ijaarsa mootummaa Biyyaalessaa, biyyaa fi muuxannoowwan idil addunyaa” irratti xiyyeeffachuun gagageeffamaa jira.
Mata duree kanarratti Ministirri Deettaan Komishinii Pilaanii Dooktar Namarraa Gabayyoo barreeffama ka’umsaa dhiyeessaniiru.
Dargaggoon mormuus ta’ee deeggaruuf sababan ta’uu akka qabu kan ilaallatu muuxannoowwan idil addunyaa barreeffama isaaniin ibsaniiru.
Liigii Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaatti Hoogganaan damee siyaasaa Adinaan Haajii dirree demokiriraasii bal’isuun dargaggoodhaan ala gatii hin qabu jedhaniiru.
Dargaggootni mariicharratti hirmaatan, bareeffamoota gahee dargaggoora ijaarsa biyyaafi mootummaa keessatti, waa’ee egeree biyyaafi gahee dargaggootaafi muuxannoo biyyoottan hirmaannaafi tumsa lammilee isheettin guddatee dhihaachuun dargaggootni irratti mari’achaa jiru.
Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.
Dargaggoonni jijjiirama eegale keessatti gumaacha isaanii akka bahatan ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.