Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontirobaandii Birrii miiliyoona 454’tti tilmaamaman to’ataman

Finfinnee, Adoolessa 24, 2015 (FBC)- Meeshaaleen kontirobaandii Birrii miiliyoona 454’tti tilmaamaman to’atamuu Koomiishiniin Gumurukaa beeksise.

Koomishinichi Adoolessa 14-20, 2015’tti hordoffii taasiseen, meeshaalee kontirobaandii galii Birrii miiliyoona 194’tti tilmaamamuu fi meeshaalee kontirobaandii daldala alaa Birrii miiliyoona 260 olitti tilmaamamu, waliigalaan meeshalee Birrii miiliyoona 454.9’tti tilmaamamu waajjiraalee damee koomishinichaa garaagaraatti to’atamuu eereera.

Meeshaaleen to’annoo jala oolfamanis, uffannaalee, boba’aa, beeyladoota, elektirooniksii, buna, qoricha, konkolaattota, meeshaalee faayaa, meeshalee waraanaa, jimaa, baalaa sammuu hadoochu, zayiita nyaataa fi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu ragaan koomishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.