Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 141tti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2015 (FBC) – Waxabajii 2- 8,2015 tti Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 141tti tilmaamamu to’atamuu Komishiniin Gumrukaa beeksise.

Dhimmichaan walqabatee namoonni 6 fi konkolaattoonni 4 to’atamuu ibseera.
Meeshaaleen kunneen dameewwan gumrukaa garaagaraatti to’atamuu komishinichi eereera.

Uffataaleen, boba’aa,beelladoonni, meeshaaleen Elektirooniksii, Bunni, Jimaan, Qorichaaleen, Zayinni Nyaataa fi maallaqoonni biyyoota adda addaa to’atamuu ragaan komishinichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.