Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 58tti tilmaamaman to’ataman

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2014 (FBC) – Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 58tti tilmaamaman to’atamuu ibsame.

Torban tokko keessatti meeshaaleen alaa galan Birrii miiliyoona  46.6tti shallagamanii fi meeshaaleen al-ergii Birrii miiliyoona 11.5tti tilmaamaman buufataalee to’annoo garaagaraatti to’atamuu Komishiniin Gumruukaa beeksiseera.

Meeshaaleen to’annoo jala oolan kunneenis uffataalee,boba’aa, beeyladoota, meeshaalee elektirooniksii, buna, qorichoota, konkolaattota, meeshaalee miidhaginaa, meeshaalee waraanaa, jimaa, baala sammuu namaa hadoochu, zayita nyaataa fi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu eerameera.

Meeshaaleen kontiroobaandii kunneen qindoomina hojjettoota komishinichaa,qamolee nageenyaa mootummaa  federaalaa fi naannolee akkasumas hawaasaan to’atamuu eeruun, namoonni meeshaalee kanneen daddabarsaa turan 3 to’atamuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.