Fana: At a Speed of Life!

Miidhaa sababa hongeen Godina Booranaatti ga’aa jiru hirisuuf hojjechaa jira – BMNO

Finfinnee, Guraandhala 21, 2015 (FBC) – Mootummaan naannoo Oromiyaa miidhaa sababa hongeen Godina Booranaatti ga’aa jiru hirisuuf hojjechaa jiraachuu beeksiiseera.

Naannoo Oromiyaa Godina Booranaatti miidhaa sababa hongeen gahaa ture hir’isuuf mootummaan naannichaa hojii hedduu hojjetaa tureera; gochaas jiraachuu ibseera.

Ta’us roobni waqtii roobaa shan caaluuf osoo hin roobiin waan tureef lakkoofsi namoota miidhaaf saaxilamaniifi gargaarsa barbaadanii dabalaa waan dhufeef tattaaffii mootummaan taasisuun qofaan rakkinicha irra aanuun kan hin danda’amne ta’uu eereera.

Kanuma bu’uura godhachuun namoonni biyya keessaaf alaa, artistoonni, namoonni bebbeekamoon, dhaabbileefi namoonni dhuunfaan uummata Booranaa sababa hongeen beelaaf saaximaniif deeggarsa walitti qabaa jiraachuun himeera.

Lammiitu lammiif gaachana waan ta’eef tattaaffiin taasisaa jiran kan galateeffamuufi yeroo rakkina walbira dhaabbachuun gara fuulduraattis jabaatee kan itti fufuu akka qabu ibseera.

Haata’u malee, Mootummaan Naannoo Oromiyaa karaa caaseffama dhimma kana qindeessuuf naannoo irraa hanga Gandaatti diriirsuun hojjetaa waan jiruuf, lakkoofsa herreegaa maallaqni ittiin walitti qabamu banee waan jiruuf akkasumas deeggarsi walitti qabamaa jiru bifa ittigaafatamummaa qabuufi namoota beela’an bira akka qaqqabuuf maallaqa deeggarsaa kallattii garaa garaan walitti qabaa jirtan lakkoofsa Herreegaa armaan gadii irratti akka galchan gaafateera.

Lakkoofsa herregaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa:

Baankii Siinqee: 1029565101201

Baankii Daldalaa Itoophiyaa: 1000007343756

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.