Fana: At a Speed of Life!

Miidhaan dubartootaa fi daa’imman irra ga’u dhaabbachuu kan qabu amma – Abbaa Alangaa Waliigalaa

Finfinnee,Waxabajjii 19,2012 (FBC) – Abbaan Alangaa Waliigalaa miidhaa dubartootaa fi daa’immanirra ga’u ilaalchise ibsa laateera.

Abbaan alangichaa wayita addunyaan weerara vaayrasii koroonaan qoramaa jirtu kanatti miidhaan dubartootaa fi daa’immaan irra ga’aa jiru daraan yaaddeessaa ta’aa jiraachuu ibseera.

Rakkoo kana furuun dirqama qaama hundaa ta’us qaamooleen seeraa fi haqaa olaantummaa seeraa kabachiisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Baatiiwwan 3 darbanitti galmeewwan yakka dirqiin gudeeduu himannaan irratti baname 40 keessaa gameewwan 8 irratti murtoon laatamuu Abbaan Alanagaa Waliigalaa ibsa isaan beeksiseera.

Galmeewwaan murtoo argatan keessaa kutaa bulchiinsa Aqaaqii Qaallittii aanaa 10 naannoo Galaan Gurraatti maanguddoon umrii waggaa 65 daa’imman umrii waggaa 8 fi 9 lama gowwomsuun yakkaa dirqiin gudeeduu raawwateerratti darbe isa tokko ta’uu ibsamera.

Himatamaan kun seeraa yakkaa FDRI keeyyaata 627 muraa 1 darbee waan argameef yakka afuriin himatamuu Abbaan Alangaa Waliigalaa FDRI ibsa isaan eereera.

Manni murtii sadarkaa jalqabaaa Aqaaqii Qaallittii dhadhacha Waxabajjii 16, 2012 ooleen abdabbii cimaa waggaa 25n adabuu isaa ibsameera.

Miidhaan dubartootaa fi daa’imman irra ga’u dhaabbachuu kan qabu ammaa ta’uu Abbaa Alangaa Waliigalaa beeksiseera.

Abbaan Alangaa Waliigalaa FDRI, dubartoonnii fi daa’imman yakka akka kanaaf akka hin saaxilamne hawaasni ga’ee isaa ba’uu akka qabu gafateera.

Yeroo qorumsaa kanatti qaamolee haqaa cina ta’uudhaan yakka saaxiluun olaantummaan seeraa fi haqaa yaa mirkaneessninu jechuun waamicha dhiyeesseera..

Abbaan Alangaa Waliigalaa FDRI

Waxabajjii 19, 2012

Finfnnee

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.