Fana: At a Speed of Life!

Zooniin Diinagdee Addaa Gadaa bakka badhaadhinni Itiyoophiyaa itti dhugoomuudha – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Caamsaa 2, 2016 (FBC) – Zooniin Diinagdee Addaa Gadaa bakka badhaadhinni Itiyoophiyaa itti dhugoomuudha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan .
Mootummaan naannoo Oromiyaa Itiyoophiyaa badhaate ijaaruuf gahee isaa bahaataa jiraachuu kaasaniiru.
Mootummaan naannichaa inisheetiivii adda addaa bocee fayyadamummaa ummataa milkeessuuf hojjetaa jiruun milkaa’inni argamaa jiraachuu eeraniiru.
Kanaanis waggoota darban Qonnaan bultoonni Kumni 15 ol gara Invasteraatti ce’uu eeraniiru.
Zooniin Diinagdee Addaa Gadaa Naannoon Oromiyaa milka’ina Indaastiriitiin qabate milkeessuun carraa hojii kumaatamaan uumuuf kan dandeessisu ta’uus himanii jiru.
Bahayiluu Baaneetu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.