Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi baatiwwan jahaan darbanitti birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 49 ol galii walitti qabe

Finfinnee, Amajjii 24, 2013 (FBC) – Ministeerri Galiiwwanii baatiwwan jahaan darbanitti Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 49 fi miiliyoona dhibba 2 ol galii walitti qabuu beeksise.

Ministeerichi Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biilyoona 46 fi miiliyoona dhibba 9 walitti qabuuf karoorfatee biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 49 fi miiliyoona dhibba 2 walitti qabuu beeksiiseera.

Ministirri Ministeera Galiiwwanii obbo Laaqaa Ayyaalew raawwii baatii jahaa ilaalchisee ibsa laataniin baatiwwan jahaan darbatti galii walitti qabuuf karoorfame %102 raawwatamuu ibsaniiru.

Raawwiin argame kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallame birrii biiliyoona 21 caalmaa qaba jedhan.

Galii biyya keessarraa birrii biiliyoona 88.1 walitti qabuuf karoorfamee birrii biiliyoonni 93.3 walitti qabamuu ibsaniiru.

Daldala alaarraa birri biiliyoona 58.7 walitti qabuuf karoorfamee birrii biiliyoonni 55.7 walitti qabamuu himaniiru.

Lootarii biyyaaleessaarraa birrii miiliyoona  73.7 walitti qabuuf karoorfamee birrii miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 30 walitti qabameera jedhan obbo Laaqaan.

Haymaanoot Iyyaasuutu gabaase

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf; Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.