Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Barnootaafi Ministeerri Nageenyaa waliin hojjechuuf waliigaltee waliif mallatteessan

Finfinnee, Fulbaana 20, 2015(FBC)- Ministeerri Barnootaafi Ministeerri Nageenyaa haala waliin hojjechuu danda’an irratti waloon hojjechuuf  waliigaltee waliif mallatteessaniiru.

Waliigalticha Ministirri Ministeera Nageenyaa obbo Binnaalf Andu’aalamiifi Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaan mallatteessaniiru.

Waliigaltichi ministeeronni lameen ijaarsa nageenya waaraa oirratti waloon hojjechuu kan isaan dandeessisu ta’uu eerameera.

Nageenya jechuun walitti bu’iinsaafi waraana dhabamsiisuu jechuu qofa akka hin taaneefi ka’umsa rakkoolee kanneenii kan ta’an rakkoolee keessoo hiikuu akka ta’e obbo Binnaalf ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan gamasaaniin, hojiilee akka kanaa rakkoolee har’arra uumamaniif furmaata ta’uu baataniyyuu nageenya egeree biyyattiirratti gahee olaanaa kan ba’atan ta’uu ibsaniiru.

Tsaggaayee Wandasantu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.