Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Galiiwwanii kaffaltoota gibiraa damee oomishaa fi ijaarsarratti bobba’an waliin mari’ate

Finfinnee, Bitootessa 1, 2012 (FBC) – Ministeerri Galiiwwanii kaffaltoota gibiraa damee oomishaa fi ijaarsarratti bobba’an waliin mari’ate.

Abbootiin qabeenyaa damee oomishaa fi Ijaarsarratti bobba’an kaffaltii gibiraa waliin walqabatee irra deddeebiin gaaffii dhiyeessa turaniiru.

Bu’uuruma kanaan Ministeerri Galiiwwanii xiyyeeffannoon ilaaluun furmaata laateera.

Damee dhuunfaa guddisuuf dinaagdeen biyyaa ga’ee olaanaa ta’uu kan kaasaan Ministirri Galiiwwanii aadde Adaanacha Abeebee kun kan ta’u ammoo mootummaan deeggarsa barbaachisu yoo taasisedha jedhaniiru.

Aadde Adaanacha Abeebee kaffaltoonni gibiraa idaa hedduu ofirra qaban kiliraansii fi wabii baankii otuu hin dhiyeessin idaa isaanii akka kaffalan qajeelfama dirqisiisu hambisuun kaffaltoonni gibiraa wabii baankii otuu hin dhiyeessin miniteericha irraa kiliraansii argachuun idaa isaanii kaffaluu akka danda’an ta’eera.

Aadde Adaanach kaffaltoonni gibiraa adabbii qaban guttumaatti akka  haqamuuf tarkaanfiin bulchiinsa fudhatameera jedhan.

Maricharratti kan hirmaatan kaffaltoonni gibiraa damee oomisha fi ijaarsaa jajjabeesuu fi tumsuuf tarkaanfiin gama ministeera galiiwwaniin fudhatame waan jajjabeeffamu qabudha jedhan.

Nagayee sobaa fi sanadaa waliin wal qabatee rakkinoota ka’an bal’inaan ilallamu qaba jechuun kaasaniiru.

Ministirri Galiiwwanii aadde Adaanacha Abeebee rakkinoota muldhatan guutummatti furuuf tokkummaan hojjechuu akka qaban jedhaniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.