Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Pilaanii fi Misoomaa dhimmoota pirojektii misoomaarratti Jila Noorwey waliin mari’ate

Finfinnee, Guraandhala 21, 2015 (FBC)- Ministeerri Pilaanii fi Misoomaa dhimmoota pirojektii misoomaarratti miseensota Garee Jila Ekispartoota Teeknikaa Mootummaa Noorwey waliin mari’ateera.

Marii isaaniin hojiilee misoomaa Ityoophiyaa fi dhimmoota hirmaannaa tumsitootaa barbaachisuurratti ibsi kennameera.

Damee maanufaakchariingii, qonnaan, diiagdee dijitaalaa, tuuriizimii akkasumas dameewwan biroo adda baasuu fi xiyyeeffannaa kennuun mootummaan hojjechaa jiraachuu waltajjicharratti eerameera.

Gorsaan Ministira Pilaanii fi Misoomaa Tsadiqaan Alamaayyoo, tumsitoonni misoomaa dameewwan jiran akka deeggaranii fi dameen dhuunfaa dameewwan kanneenirratti akka hirmaatan mootummaan fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Damee qonnaan dandeettii bal’aan jiraachuu ibsanii barana qamadii alatti erguun eegalamuun argisiistuu ta’uu himaniiru.

Miseensonni garee jilichaa gama isaaniin, Mootumaa Noorwey, Ityoophiyaatti wanti qabataman argan fedhii misoomaa waliin walsimsiisuun akka hubachiisan beeksisaniiru.

Deeggarsi mootummaan isaanii taasisus fwedhii misoomaa biyyattii addaa baasuun kan dhiyeessu ta’uu fi marichis qaama kanaa ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.