Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Qonnaa dhaabbilee tumsitootaa waliin deeggarsa Birrii miiliyoona 394 olii taasise

Finfinnee, Bitootessa 11, 2015 (FBC)- Ministeerri Qonnaa dhaabbilee tumsitootaa waliin ta’uun naannolee Oromiyaa, Somaalee fi Kibbaatti lammiilee sababa hongeen qe’ee isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 394 olii taasiseera.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Dooktar Fiqiruu Raggaasaa miidiyaaleef ibsa kennaniin, waggoottan sadan darban horsiisee bultootaa hongeen miidhaman hordofuun deeggarsa maallaqaa fi akaakuu taasisaa turuu yaadachiisaniiru.

Yeroo ammaas Naannolee Oromiyaa, Sabaa fi Sablammootaa Ummatoota Kibbaa fi Somaaleetti, sababa hongeen lammiilee qe’ee isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 394 olii taasisuu beeksiseera.

Deeggarsichas gama pirojektoota Baankii Addunyaa fi Gamtaa Awurooppaatiin deeggarsamiin akka taasise ibsaniiru.

Gareen ogeeyyi hundaa’e naannawaa hongeen mudate hordofuun gabaasaa dhiyeesse bu’uureffachuun deeggarsi nyaata beeyladaa, qorichootaa fi bittaa sanyii nyaataa beeyladootaaf akka oolu Dooktar Fiqiruun ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.