Fana: At a Speed of Life!

Ministiroonni fi hoggantoonni mootummaa olaanoon Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa Waancaa Afrikaaf darbuu isaa gammachuu itti dhaga’ame ibsan

Finfinnee, Bitootessa 21, 2013 (FBC) – Ministiroonni fi hoggantoonni mootummaa olaanoon Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa Waancaa Afrikaaf darbuu isaa gammachuu itti dhaga’ame ibsaniiru.

Preezdaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa aadde Loomii Badhoo Gareen Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa waancaa Afrikaaf darbuu isaaf, ummata Itoophiyaa maraan baga gammadan jedhaniiru.

Sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti qindeessaan kilaastira hawaasummaa naannoo Oromiyza obbo Addisuu Araggaan Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa Waancaa Afrikaaf darbuu isaa gammachuu itti dhaga’ame ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay, Ministirri Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii Dooktar Hiruut Kaasaw,Ministirri Ministeera Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii Injinar Ayishaa Mahaammad, Preezdaantiin bulchiinsa naannoo Amaaraa obbo Aganyahu Tashaagar Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa Waancaa Afrikaaf darbuu isaa gammachuu itti dhaga’ame ibsaniiru.

Akkasumas Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Gareen Biyyaaleessaa Ityoophiyaa Waancaa Afrikaatiif darbusaatti gammaduu ibseera.

Manni Marichaa injifannoo argameetti kan boonu ta’uu eeruun, injifannoo argameef taphatootaa fi hoggansaaf kabaja qabu ibseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.