Fana: At a Speed of Life!

Miseensota Raayyaa Ittisaa leenjii xumuruun adda waraanaatti makamaniif simannaan taasiifame

Finfinnee, Fulbaana 7, 2014 (FBC) – Miseensota Raayyaa Ittisaa leenjii xumuruun adda waraanaa Matakkalitti makamaniif simannaan taasiifameera.
Qindeessan olaanaan Koree Komaandi Poostii Godina Matakkal Leetanaan Jeneraal Asiraat Denneeroo fi Hoggantoonni mootummaa Olaanoon Naannoo Beenishaanguul Gumuz miseensota kanneeniif simannaa taasiisaniiru.
‘Jaalala maatii fi Jireenya hoo’aa dhiiftanii garee shororkeessaa biyya diiguuf socho’aa jiru barbadeessuu fi Hidha Haaromsaa eeguuf leenjii loltummaa barbaachisaa ta’e xumurun gara kana dhufuu keessaniif gammachuu guddaan natti dhaga’ameera’ jedhan Leetanaan Jeneraal Asiraat Denneeroon.
Miseensonni addichatti makamanis simannaa taasiifameefitti gammaduu ibsuu isaanii ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.