Fana: At a Speed of Life!

Misooma magariisaa haaroomaa Ityoophiyaatti mata duree jedhanuun Weebinarri idila addunyaa gaggeeffame

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (FBC) – Misooma magariisaa haaroomaa Ityoophiyaatti mata duree jedhanuun Weebinarri idila addunyaa qindeessummaa Roomitti Imbaasii Ityoophiyaan gaggeeffame.
 
Sagantaa kana Roomitti Imbaasiin Ityoophiyaa dhaabbilee idil addunyaa adda addaa waliin ta’uun qopheessuu ibsameera.
 
Weebinara gaggeeffame kanarratti dhaabbileen dhimmichi ilaallatu argamuu himameera.
 
Xaaliyaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Zanabuu Taaddasaan foormii diinagdee Ityoophiyaatti gaggeeffame, fooyya’iinsa imaammataa fi uwwisa seeraa, misooma magariisaa fi madda aannisaa haaroomuu, abbootii qabeenyaa jajjabeessuuf hojii hojjetamee fi dhimmoota garaagaraarratti ibsa laataniiru.
 
Dabalataan dhaabbilee idila addunyaa Ityoophiyaatti Intarpiraayzoota xixiqqaa fi giddugaleessaf deeggarsa taasiisan galataeeffachuu isaanii ragaan Roomitti Imbaasii Ityoophiyaa argame ni agarsiisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.