Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad Magaalaa Arbaa Mincitti duula misoomaa ‘Yeleemaat Tiruufaat’ jedhamu eegalchiisan

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Magaalaa Arbaa Mincitti duula misoomaa ‘Yeleemaat Tiruufaat’ jedhamu eegalchiisuu ibsan.

‘Lemaatiin’ riqicha qonnaan bulaa, horsiisee bulaafi bitataa walqunnamsiisu ta’uu eeraniiru.

Nyaata gahaafi madaalawaa argachuu kan ilaallatu ta’uu Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.

Gahaan dhimma hangaa yoo ta’u madaalawaan immoo dhimma qabiyyeeti jechuun ibsan.

Nyaataan of danda’uun birmadummaafi ulfina biyyaa waliin hidhata cimaa qabaachuu kaasaniiru.

Duulli ‘Yeleemaat Tiruufaat’ jedhamu kun tattaaffi sadarkaa maatiitti akkasumas sadarkaa biyyaatti nyaataan of danda’uuf taasiifamu si’eessa jedhan.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.