Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy Ahimad Baahir Daaritti biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Hagayya 6, 2012 (FBC) –Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad magaalaa Baahir Daaritti biqiltuu dhaaban.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy sagantaa cufiinsa “ashaaraa magariisaa” magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffameen, gaara Beezaawiitirratti biqiltuu dhaabaniiru.
 
Dooktar Abiy Ahimad dabalatee, itti aanaa muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan, preezdaantii naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xiruunah, hoggansi federaalaa fi naannoo biroon dhaabbii biqiltuu kanarratti hirmaataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.