Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy Ahimad Hidha Haaromsaa daawwatan

Finfinnee, Amajjii 23, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Hidha Haaromsaa daawwatan.
 
Dooktar Abiy ijaarsa hidhichaa, hojii siiviilii fi elektiroo meekaanikaalaa daawwataniiru.
 
Daawwicharratti hoggansi Humna Elektiriikaa Ityoophiyaa fi hoggansi olaanaa mootummaa biroon argamaniiru.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad bakka hoji gaggeessaan hidhichaa Injiinar Kiflee Horroo fi hoggansi dhaabbata ijaarsaa Saaliinii argamanitti sadarkaa ijaarsa hidhichaa gamaaggamaniiru.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad akka beeksisanitti, hojiin haaydiroo mekaanikaalii fi elektroo meekaanikaalii dafee humna maddisiisuu danda’u, yeroo itti Hidhi Guddichi xumuramu duubatti hambiseet ture.
 
Waggaa tokkoo as hojiileen ijoon xumuramuu danda’aniirus jedhaniiru.
 
Jijjiirama kana arguu danda’uukootin akkasumas koontraaktaroonni hundi hojii ijaarsa isaanii raawwataa jiraachuu arguukootti guddaan dinqisiifadha jedhaniiru.
 
Hidhichi guyyaa humna aardiiif ta’u itti maddisiisuu danda’utti waan dhiyaatef baay’ee gammadeera jedhaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.