Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy hoggansa Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa waliin viidiyoo koonfaransiin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 21, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad hoggansa Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa waliin viidiyoo koonfaransiin mari’atan.
 
Marii isaanitiin weerara vaayrasii koroonaa fi dhiibbaasaa dandamachuuf waliin hojjechuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
 
Vaayrasichi dhiibbaa diinagdee fi sirna fayyaarratti qaqqabsiisu kopha kophaa dhaabbannee dandamachuu hin dandeenyus jedhaniiru.
 
Damee tuuriizimii fi indaastiriirratti dhiibbaa akka qabaatus ibsaniiru.
 
Dhiibbaasaa dandamachuuf tumsaa fi deeggarsa waliin barbaaduu, galteewwan waliin fayyadamuu fi muuxannoo waljijjiiruun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
 
Dhiibbaa qaqqabu dandamachuuf hoggansa waloo laachuu fi qindoomuun ni barbaachisa jedhan.
 
Abdii godhachuu fi karooran hogganamuun murteessadhas jedhan.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.