Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy Ahimad xumura waltajjii hoggansa Paartii Badhaadhinaa Amaaraarratti argaman

Finfinnee, Hagayya 6, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad xumura waltajjii hoggansa Paartii Badhaadhinaa Amaaraarratti argaman.
 
Paartichi guyyootii lamaaf waltajjiisaa magaalaa Baahir Daaritti gaggeessaa tureera.
 
Xumura waltajjichaarrattis muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad argamanii ergaa dabarsaniiru.
Paartichi dhimma naannoo fi haala waqtaawaarratti mari’achaa turuun ibsameera..
Waltajjichaan jijjiirrama keessa bu’aalee galmaa’anii fi gufuulee mudatanirratti mari’atamee kallattiin kaa’amuun eerameera.
 
Waltajjiin Hagayya 4,2012 eegalame har’a xumurameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.