Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy jiraattota godina Booranaa fi Gujii Lixaa waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 27, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad godina Booranaa fi Gujii Lixaa daawwatan.
Dooktar Abiy godina Booranaa magaalaa Yaa’a Balloo fi godina Gujii Lixaa magaalaa Bulee Horaatti jiraattota waliin mari’ataniiru.
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan har’a ganama godina Booranaa magaalaa Yaa’a Balloo fi Bulee Horaatti argamuun jiraattota waliin mari’ataniiru.
 
Dooktar Abiy, jiraattonni nageenyaa fi tokkummaa cimsaa bu’uura diinagdee fi hawaasummaa akka godhatan dhaamaniiru.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan gaaffii fi faayidaa ummata Oromoo deebisuuf karaa ifa ta’een ni hojjennaa jedhaniiru.
Hirmaattonni waltajjichaa gama isaanitiin walabummaan amantaa fi dameewwan biroorratti waggoottan lamaan darban keessa muul’ate, imalli Ityoophiyaa dirree demokraasiirra jiraaachuu Waajjirri Muummee Ministiraa ibseera.
 
Misoomni daandii, bishaan, ibsaa, fedhiin misoomaa horsiisee bulaa guutamuurratti gaaffilee kaasaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.