Fana: At a Speed of Life!

MM FDRI Dooktar Abiy Ahimad qophii agarsiisa ‘Ekspo’ 2020 Dubaay daawwatan

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2012 (FBC) –Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad qophii agarsiisa ‘Ekspo’ 2020’Dubaay daawwatan.
 
Agarsiisichi Onkolooleessa 20 bara 2020 kan banamu yoo ta’u,biyyoonni addunyaa 192 ol irratti ni hirmaatu jedhamee eegama.
 
Agarsiisa kanarratti Ityoophiyaa oomishaalee ishee akka beeksiifattu eeyyamameefira jedhame.
 
Daawwattoonni miiliyoonaan lakkawwamaniif gara sana ni imalu jedhame.
 
Agarsiifnu kun waggaa tokkof banaa ta’ee kan turu yoo ta’u, agarsiisa guddaa addunyaa kanaa ta’a jedhamee eeggama.
 
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ityoophiyaan ‘Expo’ Afrikaa bara Faranjootaa 2030tti qopheessuuf wixineen gamtaa Afrikaaf dhiyeessan fudhatama argachuu wayita daawwannaa kana taasisan ibsaniiru.
 
Agarsiifni akka Afrikaatti qophaa’uuf wixineeffame kunisa Ardii Afrikaatti isa olaanaa ni ta’a jedhamee eeggama.
 
Alaazaar Taaddaleetu gabaase
 
 
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.