Fana: At a Speed of Life!

Mootummaa Emmireetoota Araba Gamtoomanii Ityoophiyaaf Ambulaansiiwwan 50 deeggarsa taasise

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2014 (FBC)- Mootummaa Emnireetoota Araba Gamtoomanii Ityoophiyaaf Ambulaansiiwwan 50 deeggarsa taasisuu ibsameera.

Ambulaansiiwwan kunneen Birrii Miiliyoona 250tti kan tilmaamaman yoo ta’u, Ministeera Fayyaaf deeggarsaan kennamuu ibsameera.

Ambulaansiiwwan kunneen karaa Waldaa Addeessa Diimaa Emmireetoota Araba Gamtoomaniin kan kennaman ta’uu fi Ambulaansiiwwan 7 Finfinnee galaniiru jedhameera.

Gatii geejjibaas Waldichi kan danda’e ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.