Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Biritaaniyaa deeggarsa Mootummaa Ityoophiyaatiif taasisuu cimsee akka itti fufuu gaafatame

Finfinnee, Bitootessa 22, 2014 (FBC) – Mootummaan Biritaaniyaa tumsa misoomaa fi deeggarsa Mootummaa Ityoophiyaatiif taasisuu akka itti fufuu gareen waloo paarlaamaa biyyatti  mootummaasaanirratti dhiibbaa akka taasisaan gaafatameera.

Biritaaniyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Tafarraa Mallasaa, paarlaamicharratti argamuun miseensota garee waloo paarlaamaa Biritaaniyaatiif mootummaan biyyatti deeggarsa misooma Ityoophiyaaf taasisuu gara duraatti akka deebi’uufii miseensoonni paarlaamaa mootummaasaanirratti dhiibbaa akka taasisaaniif gaafateera.

Mootummaan biyyattis Awurooppaa keessaa ba’u hordofee fooyya’insa imaammataa alaa fi raayyaa ittisaatin Ityoophiyaa biyyoota Afrikaa keessaa xiyyeeffannoon itti laatamee akka turtee ambaasaaddarich yaadachiisaniiru.

Hariiroon daldalaa fi invastimantii bu’uura waada galamee akka itti fufuuf gaaffii dhiyeessaniiru.

Jijjiirrama qabeenya qilleensaa addunyaarratti muudate dandamachiisuu Ityoophiyaa karoora Ashaaraa Magariisaa bocuun ofirra darbitee biyyoota ollaa fi biyyoota Afrikaa tokko tokkoof deeggarsa taasisaa jiraachuushee ibsaniiru.

Biyyoonni guddatan jijjiirramaa qabeenya qilleensaa dandamachiisuuf waada kan seenaan doolaaraa biiliyoona 100 biyyoota guddinarra jiraniif akka raawwataniif mootummaan Biritaaniyaa dhiibbaa taasisuu cimsee itti fufuu akka qabu gaafataniiru.

Haala qabatamaa siyaasa Ityoophiyaa ilaalchisee Ambaasaaddarichi biyyattiin nageenyi akka bu’uuf ejjannoo cimaa akka qabdu Miseensoota Paarlaamaa Biritaaniyaaf ibsaniiru.

Miseensoota Paarlaamaa Biritaaniyaas, Ityoophiyaan jijjiirrama qabeenya qilleensaa dandamachuuf tarkaanfiiwwan fudhataa jirtu dinqisiifataniiru.

Biyyoonni guudatanis waada galaan akka raawwataniif mootummaan Biritaaniyaa gama isaatiin dhiibbaa taasisuu akka itti fufuu ni mirkaneessina jedhaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.