Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Kaardii Bittaa Diijitaala ifoome

Finfinnee, Hagayya 25, 2015 (FBC) – Ministeerri Maallaqaa fi Baankiin Daldala Itiyoophiyaan Piroojektii Kaardii Bittaa Diijitaalaa Mootummaa waloon ifoomsaniiru.

Haala hojiirra oolmaa kaffaltii Elektirooniksii dhaabbilee Mootummaa ilaalchisee mariin gaggeeffameera.

Maricharratti Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalinyii fi Pireezidaantiin Baankii Daldala Itiyoophiyaa Obbo Abbee Saannoo dabalatee hoggantoonni dhaabbilee Faayinaansii mootummaa federalaa argamaniiru.

Kaardiin Bittaa Diijitaa kun dhaabbileen bittaa fi gurgurtaa karaa Diijitaalaan akka raawwataniif kan gargaaru ta’uu eerameera.

Dhaabbileen 170 ol sirna gurgurtaa fi bittaa diijitaala kana keessa galuu eerameera.

Bara baajataa xumurames Bittaa fi gurgurtaan Birrii tiriiliyoona 3.3 olii mala kanaan raawwachuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.