Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kibbaa meeshalee ittisa vaayrasii koroonaa Doolaara kuma dhibba 5tti tilmaamamu deeggarsaan laatte

Finfinnee, Onkololeessaa 10, 2013 (FBC) – Mootummaan Kooriyaa Kibbaa meeshalee ittisa vaayrasii koroonaa Doolaara kuma dhibba 5tti tilmaamamu deeggarsaan laate.
 
Mootummaan Kooriyaa Kibbaa deeggarsa meeshalee ittisa vaayrasii koroonaa Doolaara kuma dhibba 5tti tilmaamamu Ministeera Fayyaa FDRIf laatera.
 
Deeggarsicha Itti Aanaan Ministira Dhimma Alaa Kooriyaa Kibbaa Haam Saang Huuk Ministira Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaaf laataniiru.
 
Sirna walharkaa fudhiinsarratti Ministirri Deettaan Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo, Nageenya Fayyaa Idil Addunyaa Kooriyaa Ambaasaaddar Ooh Mayuungi Doon, Ityoophiyaatti ambaasaaddari Kooriyaa Kibbaa Hunmiin Liim fi hoggantoonni hojii biroon argamaniiru.
 
Dooktar Liyaa Taaddasaa wayita kana deeggarsa ta’eef galateeffataniiru.
 
Itti Aanaan Ministira Dhimma Alaa Kooriyaa Kibbaa Haam Saang Huuk deeggarsichi hariiroo biyyoota lameenii baroota dheeraaf ture cimsuuf kan gargaarudha jedhaniiru.
 
Ministirri Deettaan Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo gama isaaniin deeggarsa mootummaan Kooriyaa Kibbaa mootummaa fi ummata ityoophiyaa taasisee galateeffatniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.