Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannichaa ciminootaa itti fufsiisuu qormaatilee gara carraatti jijjiiruun milkaa’ina jajjaboo galmeesseera – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Ebla 19, 2016 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa ciminootaa itti fufsiisuu qormaatilee gara carraatti jijjiiruun milkaa’ina jajjaboo galmeessaa jiraachuu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.
Gamaaggamni Raawwii Hojii Mootummaa fi Paartii kurmaana 3ffa bara 2016 naannoo Oromiyaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.
Mootummaan karooraa fi hojimaata ifaa ta’e bocuu fi diriirsuun hojiirra oolche yeroo yeroon gamaaggamuun tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa jira jedhan Obbo Shimallis Abdiisaan haasawa baniinsaa taasiisaniin.
Mootummaan naannichaa ciminootaa itti fufsiisuunhanqinoota maksuun qormaatilee adda baasuun gara carraatti jijjiiruun milkaa’ina jajjaboo galmeessuu eeraniiru.
Hanqinoota raawwiirratti mul’atanii fi garaagarummaa sirreessaa deemuun dirqama ta’uu kaasaniiru.
Muluu Waaqshumee fi Maraa’ol Kadirtu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.