Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan nageenya uummataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjeta – Preezdaant Oordiin Badirii

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2014 (FBC) – Mootummaan nageenya uummataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu Preezdaantiin naannoo Hararii obbo Oordiin Badiriin ibsan.

Filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaa Fulbaana 20, 2014 naannichatti gaggeeffame karaa nagaan xumuramuusaatiif tumsa qaamoleen nageenyaa taasisaniif sagantaan galateffannaa fi beekkamtii kennuu gaggeeffameera.

Saganticharratti rakkooleen nageenyaa kanaan dura muul’achaa turan hir’achuu fi haalli nageenyaa fooyya’aa dhufuu kaasaniiru.

Hojii qindoominaa hojjetameen bu’aan gaariin galmaa’uu fi hawaasni naannichaa yaaddoo nageenyaa tokko malee sochii guyya guyyaa isaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Nagaan gaggeeffamee xumuramuu filannoo marsaa 6ffaatiif ga’een qaamolee nageenyaa fi hawaasaa olaanaa ta’uu eeraniiru.

Mootummaa haaraan naannichaa uummata hunda bifa walqixa ta’een kan bulchuu fi kutannoon kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Hojiilee nageenyaa fi misoomaarratti xiyyeeffannoo kennuun kan hojjetu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.