Fana: At a Speed of Life!

Mootummman naannichaa nageenya mirkaneessuuf dhaabbilee amantaa waliin hojjechaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Caamsaa 23, 2015 (FBC)-Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiilee nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuuf hojjetamaanirratti dhaabbilee amantaa waliin qindoomina gaariin hojjetaa jiraachuu Biiroon Kominikeshinii Naannichaa beeksise.

Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obboo Haayiluu Addunyuaa ibsa miidiyaaleef kennaniin, Ityoophiyaan biyya sabaa fi sablammoonni waldanda’uun keessa jiraatan ta’uu eeruun, garaagarummaan jirus madda jabinaa fi miidhaginaati malee madda rakkoo akka hintaane ibsaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas walqixxummaa amantaaleetti kan amanu, kabajuu fi beekkamtii kan kennu ta’uu himaniiru.

Dhimmoota naannoo fi biyyaa irrattis dhaabbilee amantaa waliin hojjechuun, rakkoowwan dhaabbilee amantaa keessatti uumaman karaa nagaa fi qajeelfama amantaa eegeen akka furaman kan tumsuu ta’uu ibsuun, dhaabbileen amantaa bakka itti waaqeffatan akka qabaataniif lafa karaa seeraa kennuun qabatamaan mirkaneessaa jira jedhaniiru.

Dabalataan hojiilee nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuuf hojjetaman irrattis dhaabbilee amantaa waliin qindoomina gaariin hojjetaa akka jirus Obbo Hayiluun dubbataniiru.

Obbo Haayiluun, finxaaleyyiin amantaa dahoo godhachuun biyya keessaa fi alaan qindaa’anii olola kijibaa fi fedhii siyaasaa giddugaleessa godhate oofaa jiraachuu kaasan.

Ijaarsa seeraan alaa diiguu gaggeeffamaa jiru Mazjiida qofarratti kan xiyyeeffatee fi Magaalaa Shaggar qofa keessatti hojiirra oolaa kan jiru osoo hin taanee magaalota naannichaa 600 ol ta’an keessatti karaa heeraa fi seera bu’uureffateen gaggeeffamaa akka jiru himaniiru.

Adeemsi ijaarsa seeraan alaa diiguu of eeggannoo bifa walfakkaataa, iftoomina qabuu fi hojimaata seeraa hordofeen kan raawwatamudha jedhaniiru.

Adeemsa raawwii keessattii rakkoon yoo jiraates mariin furuuf kan hojjetamu ta’u ibsaniiru.

Hordoftoonni amantaa Islaamaas, shira finxaaleyyii amantaa dahoo taasifachuun akka waan mootummaan addatti Mazjiida irratti xiyyeeffateetti ololan dura dhaabbachuu akka qaban gaafataniiru.

Fuuldurattis, mootummaan dhimmoota naannoo fi biyyaa irratti dhaabbilee amantaa waliin qindoomina cimaan kan hojjetu ta’uu himuun, dhaabbileen amantaas qaamota amantaa dahoo godhatanii nageenyaafi tasgabbii biyyaa booressuuf socho’an dura akka dhaabbatan waamicha dhiyeessuu ragaan kominikeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.