Fana: At a Speed of Life!

Muddamni Qabeenya Addunyaa yoo hin tasgabboofne Afrikaan rakkoof saaxilamti – IMF

Finfinnee, Eebla 25, 2015 (FBC) – Falmiin Daldala Qabeenya Addunyaa Ameerikaa fi Chaayinaa gidduu jiru yoo hin tasgabboofne Afrikaan rakkoof kan saaxilamtu ta’uu Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa akeekkachiise.

Walfalmiin ‘ji’oopoolitikaa’ biyyoota gurguddoo lamaan gidduutti adeemsifamaa jiru hammaatee yoo itti fufe, Gatiin Oomishaalee biyyoonni Afrikaa gabaa idil-addunyaa irraa galchan baay’ee dabaluu akka danda’u dhaabbatichi ifoomseera.

Akkasumas, Gatiin Oomishaa al-ergii ijoo biyyoota Afrikaa gartokkoon cancala daldala idil-addunyaa ala ta’uu akka danda’u yaaddoo qabaachuu dhaabbtichi ibseera.

Oomishni waliigalaa biyya keessaa biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii waggaa 10 keessatti % 4 hir’isuu akka danda’u Biluumbargi gabaaseera.

Invastimantiin kallattii alaas hanga Doolaara biiliyoona10 hir’isuu akka danda’u ibseera.

Walitti hidhamiinsa daldala naannawaa cimsuun furmaata ijoo tokko ta’uu gabaasichi ifoomseera.

Biyyoonni Afrikaa Oomisha alaa galchanirratti hirkachuu caalaa madda faayinaansii mataa isaanii cimsachuu akka qaban dhaabbatichi hubachiiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.