Fana: At a Speed of Life!

Murtoon Mana Maree Nageenyaa bu’aa guddaa Dippiloomaasiiti – Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Adooleessa 2, 2013 (FBC) – Manni Maree Nageenyaa Hidhaan Haaromsaa dhimma misoomaa fi dhimma Afrikaa ta’uu mirkanneessuun isaa bu’aa guddaa dippiloomaasiin argame ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa ibseera.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsa torbee ministeerichaa laataniiru.
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Hidha Haaromsaa ilaalchisee murtoon kaleessa dabarsee fi ajandichi dhimma Afrikaa ta’uu mirkaneessuun isaa bu’aa olaanaa Dippiloomaasiin argame ta’uu Ambaasaaddar Diinaan ibsaniiru.
Walga’ichi osoo hin eegalamani dura hiriirri mormii gaggeeffamuun isaa karaa naanna’aan dhiibbaa uumuu himaniiru.
Hiriirri gaggeeffamees Ityoophiyaanoonni jaalala biyyaaf qaban kan agarsiise ta’uu kaasaniiru.
Tarkaanfii dhukaasa dhaabuu naannoo Tigraayitti fudhatame ilaalchisee Ambaasaaddar Diinaan bakka buutoota dhaabbilee idil addunyaaf ibsi laatamuu himaniiru.
Qonnaan bultoonni qonna gannaa tasgabbiin akka gaggeessanii fi garichi sadarkaa yaaddoo nageenyaa ta’uu danda’urra waan hin jirreef tarkaanfichi fudhatame himaniiru.
Hojii Dippiloomaasii Lammiileerratti xiyyeefate hojjetameen torbee kana lammiileen kumni 21 fi 182 balallii 99n gara biyyaa deebi’uu eeraniiru.
Hojiin lammiilee kanneen deebisuu cimee kan itti fufu ta’uu himaniiru.
Haabtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.