Fana: At a Speed of Life!

Naannawaa Sulula Awaash gara olii hambaa addunyaan galmeessuuf gaaffiin dhiyaate

Finfinnee, Adoolessa 25, 2014 (FBC) – Naannawaa sulula Awaasha gara olii hambaa addunyaan galmeessuuf gaaffii dhiyeessuu Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Eegumsaa Hambaalee Ityoophiyaa Gargaaraan Pirofeesaraa Ababaawu Ayyaalawu beeksisan.

Ityoophiyaan, galmee Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummootaa Gamtoomaniitti (UNESCO) hambaalee kiliyyaa fi kiliyyaa hinta’iin hedduu galmeessistee jiraachuu yaadachiisaniiru.

Yeroo ammaas, naannawaa Sulula Awaash gara olii hambummaan galmeessisuuf gaaffii dhiyeessuu ibsaniiru.

Naannawaan Sulula Awaash gara olii meeshaalee dhagaa durii sanyiin dhala namaa “ Hoomoo Habiilis” jedhamu itti fayyadamaa turan kan jirudha jedhameera.

Haaluma kanaan Sulula Awaasha gara olii UNESCO’tti akka galmaa’uuf gaaffii dhiyeessuuu fi galmeef kaadhimammuu himaniiru.

Gama kanaan hojiin naannawicha ilaalchisuun ragaalee gurmeessuu hojjetamaa akka jiru himaniiru.

Ityoophiyaattis, dhaabbilee garaagaraa waliin kaartaa naannawichaa qopheessuun gaggeeffamaa jiraachuu eerameera.

Itti Gaafatamaan Goodambaa Hambaa Durii Malkaa Qunxurre Obbo Tasfaayee Tasammaa gama isaaniin, Malkaa Qunxurreen sulula Awaash gara olii keessatti goodambaa fi naannawaa hambaalee duraanii qabate ta’uu ibsaniiru.

Naannawichi Finfinneerraa kiiloo meetiraa 50 fagaatee kan argamu yoo ta’u, hambaalee umriin waggoota miiliyoona 1.8 lakkoofsisan akka argaman eerameera.

Waggoottan 52’n darban, bakka qorannoo fi qo’annoo akkasumas hawata tuuristootaa ta’uun tajaajiluu kaasaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.