Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti baatiwwan 10 darbanitti albuudarraa galiin Doolaarri miiliyoonni 275 argame

Finfinnee, Caamsaa 25, 2014 (FBC) –  Naannoo Oromiyaatti baatiwwan 10 darbanitti albuuda Kiiloo giraama kuma 4 irraa galiin Doolaarri miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 75 argamuu ibsame.

Abbaan Taayitaa Misooma Albuuda Oromiyaa baatiwwaan 10 darbanitti gosoota albuudaa garaagaraa Kiiloo giraama kuma 4 gabaa biyya alaaf dhiyeessuun galii Doolara Miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 75 argamsiisuu eerameera.

Dabalataanis gabaa biyyaa keessaarraa galii Birrii miiliyoona dhibba 3 argamsiisuu himameera.

Gama biraan hojii misooma albuudaan hojii barbaaddota kuma 80 oliif carraan hojii uumamuu Daayrektarri Abbaa Taayitaa Misooma Albuuda Oromiyaa Obbo Tasfaayee Magarsaa ibsuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.