Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti Qindeessi Dhagaa Cilee Birrii miiliyoona 500 ijaarame hojii eegale

Finfinnee, Ebla 10, 2016 (FBC) – Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti Qindeessi Dhagaa Cilee Ammayyaa Birrii miiliyoona 500n ijaarame hojii eegaleera.

Dhaabbanni Qindeessa Dhagaa Cilee Ammayyaa ‘Yoo Hooldiingi’ jedhamu hojii hojjetaa jiru ilaalchisee har’a hoggantoota olaanoo fi qooda fudhattootaaf sagantaa beeksisee gaggeessera.

Qindeessi Dhagaa cilee Godina Kaamaashii aanaa Mizhagaatti Birrii miiliyoona 500n ijaarame guutummaatti hojii eegaluu ibsameera.

Warshichi waggaatti Dhagaa Cilee Dheedhii Toonii miiliyoona 1.2 qindeessuu danda’a jedhame.

Hanga ammaattis Toonii kuma 77 fi 500 qindeessuun warshaalee Simmintoo, Sibiilotaa,Uffataa, Waraqaa, Seeraamikaa fi kanneen biroo biyya keessatti argamaniif dhiyeessuu TOI gabaasera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.