Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti miseensota Mana Maree haaraaf leenjiin kennamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2014 (FBC) – Naannoo Harariitti miseensota Mana Maree haaraaf hojmaata, namuusaa fi Qajeelfama mana marichaarrattti leenjiin kennamaa jiraachuu ibsameera.

Miseensonni Mana Maree filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaarratti  dorgomuun gara mana marichaa galan hojiilee ummata giddugaleeffate hojjechuu akka qaban Af Yaa’iin Mana Maree Naannoo Hararii Aadde Addis’aaleem Bazzaabbihi hubachiisaniiru.

Keessattuu gaaffilee bulchiinsa gaarii fi bu’uuraalee misoomaaf deebii ariifachiisaa laachuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Waltajicharratti miseensota mana maree naannichaa waggootaan 6 darbaniif tajaajilaa turaniif gaggeessan taasiifameefira jedhame.

Xumura torbee kana manni maree naannichaa haaraan ni hundeeffamaan eegama.

Tashoomaa Hayiluutu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.