Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Kibbaatti damee Invastimantiirraa Birrii biiliyoonni 11 argamuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 29, 2013 (FBC) – Naannoo Kibbaatti bara baajataa 2013 damee Invastimantiirraa Birrii biiliyoonni 11 argamuu Komishiniin Invastimantii Naannichaa beeksiise.

Naannichatti bara baajataa 2013 damicharraa Birrii biiliyoona 13 argachuuf karoorfamee biiliyoonni 11 argamuu Komishinarri Komishinii Invastimantii Naannoo Kibbaa Asiraat Asaffaan ibsaniiru.

Weerarri Covid-19 fi rakkoon nageenyaa uumame damichatti gufuu olaanaa ta’uu dubbataniiru.

Abbootiin qabeenyaa 470 hojii Invastimantiirratti bobba’uun lammiilee kuma dhibba 1 fi kuma 40 carraa hojii uumuu ibsaniiru.

Bara 2014 hojii Invastimantiif xiyyeeffannoon addaa laatamee kan hojjetamu ta’uu Komishinar Asiraat eeraniiru.

Natsaannat Samoontu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.